Amalli keessan jijjiiramuu akka qabuu of irratti beekuun humna guddaa isin barbaachisa.
Fuulli kun akkamiitti deemsa jireenya keessan keessatti nama gaarii, hiriyaa ga’eelaa, abbaa ykn miseensa maatii gaarii akka itti tahuu dandeessan ibsa.
Of gaafadhaa:
- Miseensa maatiitti sagalee guddaan dubbadhee ykn dheekkamee beekaa?
- Miseensa maatii rukutee, kabalee, dhiitee, humnaan dhiibee ykn darbadhee – ykn sodaachiseen beekaa?
- Miseensa maatii maqaa badaa ykn hin taneen waamee beeka? Yeroo hunda isaanan qeeqaa?
- Hiriyaan ga’eelaa koo faayidaa ofii isaa/isheetiif maallaqatti dhimma akka itti hin baane dhorkee beekaa?
- Maatii sodaachisee beekaa?
- Wantoota akka burcuqqoo, teessuma ykn rimootii tv, miseensa maatii duratti ykn irratti darbadhee beekaa?
- Hiriyaa ga’eelaa koo walqunnamtiii saalaa hin barbanne akka raawwatu/ttuuf dhibbaa irratti taasisee beekaa?
- Hiriyaan ga’eelaa koo waan barbaadu/ddu akka hin hojjenneef dhorkee beekaa? (Fakkeenyaaf, hiriyootawaliin ala bahuu, dalagaa deemuu, barmoota deemuu)
- Hiriyaan ga’eelaa koo LGBTIQA+ akka bahu/tuuf dorsisee beekaa?
Gaaffiiwwan kana keessaa tokko eeyyee jettanii yoo deebistan tajaajilli keenya armaan gadii isin gargaaruu danda’a.
Tajaajila Rifaralaa Dhiirotaa – 1300 766 491
Waggaa guutuu, guyyoota 365, sa’aatii 24 ni jira.
Tajaajilli Rifarala Dhiiraa (MRS) sagantaa gorsa fi odeeffannoo waa’ee jijjirama amalaa, sagantaa warrummaa, sagantaa alkoolii fi gorsa biroo, tajaajila gargaarsa fayyaa fi bakka jireenyaa naannoo keessan jiru irratti odeeffannoo isiniifs kenna.
Tajaajjilli kun sa’aa 24, guyyaa hunda, waggaa guutuu yeroo hunda waan jiruuf yeroo barbaaddanitti gargaarsi ni jira.
Tajaajilli Rifarala Dhiirotaa kun Eenyuun Gargaara?
- Dhiirota amala badaa qaban ykn agarsiisaa jiran amala isaanii akka jijjiirrataniif.
- Miseena maatii amala badaa dhiiraatiin miidhaan irra gaheef.
- Hiriyyoota, maatii ykn miiltoowwan namoota jeequmsa fayyadamuu danda’an, ykn jeequmsa mana keessaa fi maatii mudachuu danda’an, akkasumas akkamitti akka isaan deeggaran hubachuu barbaadan.
- Ogeessota maamila miidhaa irra ga’u ykn miidhaa irra ga’e deeggaru barbaadan.
Yeroo Tajaajila RifaralaaDhiirotaatti bilbiltan:
- Maqaan keessan hin saaxilamu
- Ni dhaggeefatamtu akkasumsa ni kabajamtu.
- Odeeffannoo waa’ee tajaajila naannoo keessanii kan amala keessan jijjiiruuf tarkaanfiiwwan itti aanan fudhachuuf isin gargaaruu danda’u ni argattu.
Gargaarsa argachuuf 1300 766 491 irratti bilbilaa. Akkasumas tajaajilicha waliin akka wal qunnamtaniif akka isin gargaaruuf Tajaajila Hiikkaa fi Turjumaanaa (TIS National) ykn webchat keenya bilisaa fayyadamuu dandeessu.
Tajaajila Gorsaa Yeroo Gabaabaa
Tajaajilli Gorsaa Yeroo Gabaabaasagantaa gorsa bilbilaabiyyaalessaa yoo sagantaa jijjiirraa amalaa dhiirotaa kan eeggachaa jirtan ta’e isin gargaaruu dha. Akkasumas, yoo sagantichi naannoo keessan hin jiru tahe, ykn yoo afaan English hin dubbattan tahee isin gargaaruu danda’a.
Tajaajilli Gorsaa Yeroo Gabaabaa gargaarsa bilbila irraayeroo gabaabaa, kan yero yerootti kennamuu dha. Sagantichi kanneeniif isin gargaaruu danda’a:
- Amala keessan hubachuuf
- Itti gaafatamummaa amala keessanii fudhachuuf maal beekuu akka qabdu baruuf
- hariiroo nagaa fi maatii nageenya qabuu qabaachuuf karaa haaraa baruuf.
Yoo Tajaajila Gorsaa Yeroo Gabaabaa argachuu barbaaddan, jalqaba Tajaajila Rifaralaa Dhiirotaatiif 1300 766 491 irratti bilbiluu qabdu. Gorsaan seenaa keessan dhaggeeffachuudhaan Tajaajila Gorsaa Yeroo Gabaabaa akka argattan isin gargaara.
.Akkasumas tajaajilicha waliin akka wal qunnamtaniif akka isin gargaaruuf Tajaajila Hiikkaa fi Turjumaanaa (TIS National) ykn webchat keenya bilisaa fayyadamuu dandeessu.
Odeeffannoo dhuunfaa fi iccitii keessan
Tajaajilli Rifaralaa Dhiirotaa fi Tajaajilli Gorsa Yeroo Gabaabaa dhaabbata No to Violence (NTV) tiin geggeeffama. Diddaan Jeequmsaa tajaajila qulqullina qabu kennuu fi mirga namoota tajaajila keenya argatanii fi itti fayyadaman hunda kabachiisuuf kutannoo qaba.
Seera Dhuunfaa ( Privacy Act) (Cth), 1988 (Cth) jalatti, no to violance odeeffannoo dhuunfaa keessan itti fayyadamtan irratti odeeffannoo isiniif kennuu qaba. Nageenya keessaniif ykn nageenya namoota birootiif yaaddoo yoo qabaanne ykn akkas gochuuf ulaagaa seeraa yoo qabaanne malee odeeffannoo kana hin qoodnu.
Yeroo nu qunnamtan, odeeffannoon dhuunfaa keessan akka isin gargaarruuf gargaaraniif heyyama kennuu keessan ni gaafatamtu. Odeeffannoon waliigalaa waa’ee namoota tajaajila keenya argatanii qorannoo fi gabaasaaf oolu danda’a – fakkeenyaaf, baay’ina tokkoon tokkoo namoota kutaa biyyaa ykn naannoo irraa bilbilanii. Bilbilli keessan ni waraabama akkasumas qulqullinaa fi leenjiidhaaf hojirra oolu ni danda’a.
Odeeffannoo dabalataa waa’ee mirgaa fi itti gaafatamummaa keessanii fi imaammata dhuunfaa keenya dubbisuuf maaloo https://ntv.org.au/about-us/privacy/daawwadhaa. Akkasumas akkaataa yaada itti kennitan ykn himannaa itti dhiheessitan irratti odeeffannoo argachuu dandeessu.
Akkaataa Tajaajila Hiikkaa fi Turjumaanaa (TIS National) argachuu dandeessan
Tajaajilli Hiikkaa fi Turjumaanaa (TIS National) yoo afaan Ingiliffaa hin beeknee fi tajaajila rifaralaa dhiirotaa qunnamuu barbaaddan tajaajila bilisaa isin gargaaruu danda’uudha.
Tajaajila Biyyaalessaa TIS dhimma bahuuf:
- Bilbila keessan irraa 131 450 irratti bilbilaa
- Oppireetaraaf afaan isin barbaachisu kennaa
- yoo barbaaddan, saala turjumaana keessanii (jiraachuu isaa irratti hunda’uudhaan) filadhaa.
Oppireetarichi Tajaajila Rifaralaa Dhiirotaa wajjin akka wal qunnamtu isin gargaaruuf turjumaana afaan keessan dubbatu waliin wal isin qunnamsiisa.
Haasaan keessan daqiiqaa 30 ol akka turu yoo yaaddan, maaloo yeroo dheeraa akka isiniif beellamuuf nama afaan hiiku beeksisaa.
Webchat
Unka toora interneetii fayyadamuun gorsaa waliin haasa’uu yoo barbaaddan Webchat Rifaralaa Dhiirotaa argachuu dandeessu.
Erga liinkii, cuqaastanii booda, unki webchat ofumaan marsariitii irratti banama. Odeeffannoo keessan galchuudhaan tajaajilicha irraa deebii eeggadhaa.
Maaloo Webchat keenya afaan Ingiliffaa qofaan akka argamu hubadhaa. Afaan Ingiliffaa dubbisuu fi barreessuu irratti ofitti amanamummaa yoo qabaattan, kun filannoo mijaawaa ta’ee ta’e isinitti mul’achuu danda’a.
Fuulli marsariitii hiikame kun fi tajaajiloonni asitti tarreeffaman deeggarsa maallaqaa Muummee Tajaajila Hawaasummaa Mootummaa Awustiraaliyaa irraa argate.